LibreOfficeDev 25.8 Help
LibreOfficeDev can open and save documents in the Microsoft Office file formats, including Microsoft Office Open XML formats.
Faayilii - Banuu filli. Qaaqa faayilii bani kan LibreOfficeDev keessaa faayilii Maykiroosoftii Ofiisii fili.
| Faayilii MS Ofiisii... | ...moojuulii LibreOfficeDevtiin bana | 
|---|---|
| Microsoft Word, *.doc, *.docx | LibreOfficeDev Writeri | 
| Microsoft Excel, *.xls, *.xlsx | Calc LibreOfficeDev | 
| Microsoft PowerPoint, *.ppt, *.pps, *.pptx | LibreOfficeDevImpireessi | 
Faayilii - Olkaa`i Akka fili.
Sanduuqa Akkaakuu faayilii keessaa, dhangii faayilii Maykiroosoftii Ofiisii fili.
Choose - Load/Save - General.
Naannoo Dhangii faayilii durtii, jalqaba irratti akaakuu galmee fili, itti aansiiti akaakuu faayilii ittiin olkaa'amu fili.
Amma booda, galmee yoo olkeesse, Akaakuu faayilii akka filannooketti qindaa'a. Yoo barbaadde ammallee akaakuu faayilii gara biraa kan qaaqa faayilii olkaa'i keessaa filachuu ni dandeessa.
Masaka Jijjiiraa Galmeen faayiloota Maykiroosoftii Ofiisii hundaa kan ukaankaa sana keessa jiran gara galmeewwan LibreOfficeDev dhangii faayilii OpenDokumentiitti galagalchee jijjiira. Ukaankaa dubbisuu barbaaddu fi ukaankaa bakka faayiloonni jijjiiraman itti olkaa'aman ifteessuu ni dandeessa.
Maskicha eegalsiisuuf Faayilii - Masakoota - Jijjiiraa Galmee fili.
Quxaala xiqqoo wajjin, Maykiroosoftii Ofiisii fi LibreOfficeDev lakkaddaa maakroo tokko ta'e hin kaasani. Maykiroosoftii Ofiisiin lakkaddaa VBA (Visuuwaal Beesikii Fayyadamootaaf) fayyadama, LibreOfficeDev immoo lakkaddaa Beesikii qeeyyaa LibreOfficeDev API (Apilikeeshinii Proograamii Interfeesii) fayyadama. Afaan sagantaa lamaan isaanii fayyadaman tokko ta'u illee, wantoota fi toftaalee isaan fayyadaman garaa gari.
The most recent versions of LibreOfficeDev can run some Excel Visual Basic scripts if you enable this feature at .
Maakroota fayyadama tokkoof erga fayyadamte booda isuma deebistee fayyadama biraaf fayyadamuu yoo barbaadde, maakroota sana gulaaluu qabda. LibreOfficeDevn maakroota faayiloonni Maykiroosoftii Ofiisii ofkeessatti qabatu fe'uu fi lakkaddaa maakroota kan gulaalaa LibreOfficeDev Bu'uura IDE keessa jiran gulaaluu ni danda'a.
Galmee Maykiroosoftii Ofiisii kan lakkaddaa maakroota VBA ofkeessatti qabatu bani. Qabeentoota baratamoo(barruu, man'eewwan, Saxaatoo) qofa jijjiiri, maakroota hin gulaaliin. Galmicha akka akaakuu faayiloota Maaykiroosoftii Ofiisiitti olkaa'i. Faayilii Maaykiroosoftii Ofiisii keessatti baniitii, maakroonni VBA akkuma duraaniitti ka'u.
Maakroota VBA yeeroo fe'amu ykn olkaa'amu faayilii Maykiroosoftii Ofiisii irraa haquu danda'ama.
Choose - Load/Save - VBA Properties to set the VBA macro handling of LibreOfficeDev.